Reebichii Abbootii Seeraa irratti raawwate hordofamaa jiraachuu ibsame

Reebichii Abbootii Seeraa irratti raawwate hordofamaa jiraachuu ibsame

Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Yaayyaa Gullalleetti gochaa reebicha Abbootii Seeraa irratti raawwatame Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa dhiheenyaan hordofaan jira jedhe.
Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Yaayyaa Gullalleetti qaamotni seera kabachiisan Abbootii Seeraa reebicha irratti raawwachuu fi hidhuun tibbana dhagahame.
Abbaa Seeraa Mana Murtii Aanaa Yaayyaa Gullallee Obbo Jinenuus Nagaasaa fi waahila isaa abbaa seeraa kan biraa Obbo Qananiisaa Kabbabawu reebichi humna nagaa eegsisu kan mootummaatiin irra ga’uun beekameera. Obbo Keneniisaan kan reebifaman araarsuuf yeroo gidduu seenan lameenuu kan reeban yoo ta’u sababa miidhaa irra ga’eetiin mana yaalaatti osoo yaalamaa jiranii baafamanii moonaa waraanaa keessatti toa’annaa jala oolchamuun dhagahameera. Reebichaaf ka’umsa ta’uun kan himame Shaneedha jedhamanii waan shakkamaniif jedhameera.
Manni Murtii Waliigala Oromiyaa Abbootii Seeraa reebichi irratti raawwate kana dhimma isaanii dhiheenyaan hordofaan jira jechuun ibsa baaseera.
Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Yaayyaa Gullalleetti Abbaa Seeraa mana murtichaa reebamuu isaanii Manni Murtii Waliigalaa erga mirkaneeffatee booda qaamolee mootummaa dhimmi ilaallatu waliin sadarkaa Naannootti maryatamaa kan turee fi gochaa raawwatame waliin wal qabatee qorannoon akka gaggeeffamu Godinichaaf qajeelfamni darbee qorannoon gaggeeffamaa kan jiru ta’uu fi qoranichi yammuu xumuramu akka ifoomsu beeksisee jira” jechuunis hime.
CDGn qorannoo Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa jalqabe akka jajjabeeffamee itti fufuu fi haala qabatamaa irratti hundaa’ee akka tarkaanfiin sirreessaa fudhatamu fedhiisaa ta’uu ibsa. Nageenyi fi tasgabbiin biyyaa akka mirkanaa’utti gumachuuf Olaantummaan Seeraa kabajamuu qaba jennee amanna.
CDGn carraa dhimmoota mirgaa irratti hojjechuu jijjiirama bara 2018 ALG) booda uumametti fayyadamuun dhimmoota Olaantummaa Seeraa, Mirgoota Namoomaa fi Bulchiinsa Gaarii hojjetaa jira. Kanaafuu, nageenyi bu’uura misooma biyyichaaf murteessaa waan ta’eef qaamotnii fi namootni hundi dhimmoota kuneen irratti akka hojjetanitti ni jajjabeessina.
Previous Beating Judges in North Shewa Zone of Oromia Under Investigation

Connect With Us

Meskel Square Science and Technology Building 5th Floor

Mon – Fri: 8:00 am – 5:00 pm

P.O. Box: 25024 Code 1000

Join the Community

Get latest CDG news, articles, and resources, sent straight to your inbox every month.

Copyright © 2022 CDCB | Powered by CDCB