loader image

CDCB n dhaabbata VSO jedhamu waliin walta’uun dhimmoota hariiroo hawwasummaa, ijaarsa misoomaa fi nageenya daangaa Ethio-Keniyaa irratti qooda fudhattootaaf leenjii kennee jira

CDCB n dhaabbata VSO jedhamu waliin walta’uun dhimmoota hariiroo hawwasummaa, ijaarsa misoomaa fi nageenya daangaa Ethio-Keniyaa irratti qooda fudhattootaaf leenjii kennee jira

Dhaabbanni Center for Development and Capacity Building (𝐂𝐃𝐂𝐁) n dhaabbata Volunteer Sevice Overseas (VSO) jedhamu waliin walta’uun dhimmoota hariiroo hawwasummaa, ijaarsa misoomaa fi nageenya daangaa Ethio-Keniyaa irratti qooda fudhattootaaf leenjii kennee jira.

𝘾𝙖𝙖𝙢𝙨𝙖𝙖 20-2015

Godina Booranaa Aanaa Miyootti Dhaabbanni Miti-Mootummaa Center for Development and Capacity Building(CDCB) dhaabbata VSO  jedhamu waliin wal ta’uun dhimmoota hariiroo hawwaasummaa, ijaarsa Misoomaa fi Nageenyaa daangaa Ithio-Keeniyaa irratti qooda fudhattootaf Leenjii hubannoo uumuu fi cimsuu kennee jira.

Leenjii hubannoo uumuu kana irratti I/G Waajjira Bulchiinsa Aanaa Miyoo Obboo 𝘽𝙤𝙧𝙪𝙪 𝙅𝙖𝙡𝙙𝙚𝙚𝙨𝙨𝙖𝙖 kaayyoo fi barbaachisummaa piroojektichaa irratti haasa’a baniinsaa taasisaniiru.

Itti aansuun Manaajera Piroojektii Dhaabbata CDCB kan ta’an Obboo 𝘿𝙖𝙖𝙬𝙬𝙞𝙩 𝙂𝙪𝙙𝙙𝙖𝙩𝙖𝙖 gama isaaniin barreeffama hubannoo hojiilee piroojektichaa ibsu hirmaattootaaf  dhiyeessun irratti kan mariisisan yoo ta’u Dhaabbanni CDCB fi VSO kun Aanaalee daangaa Itoophiyaa fi Keeniyaa irratti argaman kanneen akka Miyoo, Mooyyalee fi District Soloolootti dhimmoota Misoomaa fi Nageenyaa irratti xiyyeeffachuun kan hojjetu ta’uus himaniiru.

Previous Awareness Creation Documentary on the values of Peace underway

Connect With Us

Meskel Square Science and Technology Building 5th Floor

Mon – Fri: 8:00 am – 5:00 pm

P.O. Box: 25024 Code 1000

Join the Community

Get latest CDG news, articles, and resources, sent straight to your inbox every month.

Copyright © 2022 CDCB | Powered by CDCB