loader image

Dargaggoota Dhiibbaa Miidiyaa Hawaasaa Uumaniin Gidduutti Marii Gaggeeffame

Dargaggoota Dhiibbaa Miidiyaa Hawaasaa Uumaniin Gidduutti Marii Gaggeeffame

Dhaabbatni keenya Center for Development and Governance (CDG) dargaggoota Miidiyaa Hawaasaa irratti dhiibbaa uumuu danda’an 80 ol ta’anii gidduutti dhimmoota Mirga Namaa, Olaantummaa Seeraa fi Bulchiinsa Gaarii irratti marsaa sadiif mare gaggesseeera. Hirmaattotni Marii kana dhabbilee mootummaa, dhaabbilee barnootaa olaanoo, miidiyaa fi namoota dhuunfaa dibbaa midiaa hawaasaa irrattii gessisan kan Oromiyaa guutuu irraa walitti dhufan turan. mariiwwan ji’a Amajjii kana keessa Finfinnee keessatti gaggeffaman yaadrimee sadeen irratti ibsa gaggabaaboo ogeessi seeraa beekamaan kenne irra ka’uun ture. Ibsi Ogeessicha dhimmootni sadeen kunneen nageenya waaraa fi misooma itti fufiinsa qabuu fiduuf bu’uura ta’uusaa irratti xiyyeffannaa kan kenne ture. Ibsa booda hirmaattotni matadureelee sadeen bu’uura godhachuun marii ho’aa adeemsisaniru. Bu’aawwan marichaa furmaataaf karaa saaquuf kan fayyadan yoo ta’an Mirgoota Dhala Namaa, Olaantummaa Seeraa fi Bulchiinsa Gaarii dhugoomsuuf shoorri dargaggoota dhiibbaa Miidiyaa Hawaasaa uumanii maal akka ta’e kan agarsiiseefi hirmaattotnis duunfaa isaaniitti gahee irraa eeggamuu bahuuf waadaa kan itti wal galchan ture.   

CDGn waggoota dhihoodhaa asitti dhimma nagaa buusuu irratti hubannoo hawaasaa ol guddisuuf dammaqinaan hojjetaa tureera. Hojii dammaqinaa kana keessattis xiyyeffannoon isaa nageenya ilaalchisee dargaggootni Miidiyaa Hawaasaa irratti dhiibbaa gaarii akka uuman gochuudha. Dhaabbatni keenya bu’awan marii kanaa bifa barreeffamaa, fiilmii gaggabaaboo fi dizaayinaan qindeesseera. Bu’awwan marii qindeeffaman kunneen ji’a tokko ykn ji’oota lama keessatti karaa Miidiyaa Hawaasaa adda addaatiin kan tamsaafaman ta’u. Kanaafuu CDGn hordoftootni isaa mariilee dinqifatamoo guyyoota dhufan keessatti  tamsaaman kana xiyyeffannoo itti kenanii akka hordofan waamicha dhiheessaaf.

Previous በማህበራዊ ሚዲያ ተጽእኖ ፈጣሪዎች መካከል የተደረገ ምርክክር

Connect With Us

Meskel Square Science and Technology Building 5th Floor

Mon – Fri: 8:00 am – 5:00 pm

P.O. Box: 25024 Code 1000

Join the Community

Get latest CDG news, articles, and resources, sent straight to your inbox every month.

Copyright © 2022 CDCB | Powered by CDCB