loader image

Eebba dokumeetarii fiilmii agarsiisaaf dhiyyaate irratti ibsa miidiyyaaleef kenname

Eebba dokumeetarii fiilmii agarsiisaaf dhiyyaate irratti ibsa miidiyyaaleef kenname

Dhaabbanni Center for Development and Capacity Building hoteela intarnaashinaalii Hiltonitti dokumeentarii fiilmii, miidhaa jeequms ifi walitti bu’iinsi oromiyaa keessatti uumame geessise irratti xiyyeeffachuun hojjechaa ture eebbisiisee jira. Kana malees nageenya naannoo keenya kana deebisuuf qamooleen dhimmichi isaan ilaallatu cimsanii irratti akka hojjetaniif waamicha dhiyeessee jira. CDCB n dokumeentarii kana ji’oota muraasa keessa deeggarsa baajataa USAID/ESP, waliin ta’uun hojjechaa kan ture yoo ta’u, gama hojiilee tekinikaatiin ammoo Qubee TV n fiilmii kana waraabuun kan hojjetameedha.

Kan biraan dokumeentariin kun waraabbiiwwaan 29 kan waraabbii guutuu keessa filatame kan qabudha. Waraabbiiwwaan 29 kana keessaas muraasni yaada namoota marii paanalii irratti.hirmaatanii yoo ta’u, namoonni kunniinis; hayyoota, bakka bu’oota ummataa, rogeessota miidiyyaa hawwaasa, abbaa gadaa, haadha siinqeeti, fi namoota dhuunfaa birooti. Namoonni jalqaba irratti mul’atan arfan ammoo miidhamtoota walitti bu’iinsa godinaalee shawaa kaabaa, shawaa lixaa fi wallagga bahaa keessatti gama diinagdee, hawwaasummaa fi barnootaatiin miidhaan hamaan irra gaheedha. Kan wallagga bahaatirratti xiyyeeffachuun dhiyaate kutaa lama kan qabu yoo ta’u; kan jalqabaa dargaggeessa abbaa qabeenyaa turee fi kan yeroo ammaa kana qabeenyi isaa guutuun sababa walitti bu’iinsa kanaatin jalaa barbadeessudhan aanaa amuruutirraa biqqisaniidha. Kan lammataa ammoo akkuma miidhamaan dubbatetti tarkanfii mana amantaa aanaa saasiggaa irratti rawwateedha. Tarkaanfiin yeroo sanaa sun.hanga har’aattillee yoon yaadu qalbii koo suukkanneessa jedhaniruu.

Kan biraan waahee barbadaa’uu mana baruumsaa kan godina shawaa kaabaa aanaa qarree goowaatti muudateeti. Barbadaa’uu mana baruumsaa kanaatiin walqabatee barattoonni dhibbatamaan lakkawaman sharaa koollejjiin teknikaa fi ogummaa nannoo sanatti argamu ijareefiif keessatti barachuuf dirqamanii jiru. Dhimma kanarratti barataan tokko af-gaaffii kenne keessatti yaadannoo wahee mana baruumsa sadarkaa lammaffaa inni akka malee jaalatuu, kan yeroo amma kana jeequmsa naannoo sanatti uumameen guutummaan guututti barbada’ee kanaa dubbatee jira.

Inni xumuraa wahee dubartii intalaa ishee seeraan barsiifattee guddistee walitti bu’iinsa kana keessatti jala duuteeti. Dubartiin tun akka dubbattutti sababa walitti bu’iinsa kanaatiin qe’ee dhalootaa isheerra akka buqqaatee fi yeroo ammaa kanas da’immaan xixiqqoo shan qabattee isaan guddisuuf carraqaa akka jirtuu fi shananuu baruumsarra akka jiran himtee jirti. Dubartiin kunis miira garaa nama nyaatui fi abdi kutannaa keessa ta’uun, wanti anarrattii fi intala tiyyarratti ta’e kun nama tokkorra akka hin geenye jechuun dhaamtee jirti. Kayyoon guddaan dokumentarii kanaas walitti bu’iinsa itti fufiinsaan naannoo oromiyaa keessatti deema jiru kanaan miidhaan hangamii dhala namaarra gahaa akka jiru agarsiisuu fi osoo hin barfatin xiyyeeffannoo.guutudhaan dhaabbileen mirga namoomaas ta’ee qaamoleen biroo gidduu seenuudhaan jeequmsi uumame karaa nagaa fi mariidhaan akka furamuuf dhiibba akka uumaan waamicha dhiyeessufiidha.

 

Previous USAID-CDCB A Film Premiere and Policy Review Discussion

Connect With Us

Meskel Square Science and Technology Building 5th Floor

Mon – Fri: 8:00 am – 5:00 pm

P.O. Box: 25024 Code 1000

Join the Community

Get latest CDG news, articles, and resources, sent straight to your inbox every month.

Copyright © 2022 CDCB | Powered by CDCB